Tuesday 19 May 2015

Qabsoo Bilisummaa Oromoo Haala Gaanfa Aafrikaa Ammaa Keessatti: Akkamitti Rakkoolee Nu Muudatan Jalaa Ba’uu Dandeenya?

(OromoPress) – Ummata Oromoo bal’aa, HD ABO Jaal Daawud Ibsaa, Jaal Dhugaasaa Bakakkoo, Jaallan dirree lolaa jirtan, Qeerroo bilisummaa akkasumas firoottaniif deeggaroonni ummata Oromoo, dursee baga Guyyaa Gootota Oromoo kan 2015tiin sin gahen jedha. Guyyoota Oromoon ayyaaneeffatu/yaadatu keessa guuyyaan GGOn guyyaa guyyaawwan caaluuufi guyyaa kabaja olaaana qabu. Ummanni of kabajuufi mirga ofii barbaadu kamuu gootota isaas kabajee kaayyoo isaan eegalan galmaan ga’uun dirqama Oromummaati. Guuyyaa kana guyyaa olaanaafi kabajamaa kan godhe wareegama isa dhumaa, wareegama lubbuu kaffaluu gootota Oromooti. Lubbuu ofii caalaa keenaan olaanaafi kabjamaan namini nuufi ummata keenyaaf kennuu danda’u addunyaa kanarra hinjiru. Kanaaf gootota keenya niyaadanna; nimararfanna.
Otoon baay’ee hinturin matadureen irratti dubbadhu keessa galuun barbaada. Obsaan na dhaggeeffadhaa. Akkuma matadureen koo eeru, waa’ee Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ammaantanaa Haala Gaanfa Afrikaa Ammaantanaa wajjin wal qabsiiseen irratti dubbadha. Haasaan kiyya gaaffilee armaan gadii tarraa’aniif deebilee amma danda’amu laachuu yaala.
  • Oromoon yeroo amma maal keessa jira?
  • Rakkoolee naannoo, idil-addunyaafi rakkoolee keessa isaa jiran keessaa umna jabaa ta’ee ba’uuf Oromoon maalfaa gochuu qabaata?
  • Goonni Oromoo jaarraa 19ffaa gara duraa Madaqoon waa’ee ijaaramuufi kutannoon falmmachuu maal nu barsiisa?
  • Haqa/dhugaa otoo qabinuu maaliif himachuu dhadhabine?
  • Sababii gargaraan, walqooduu baalleessuun tokkummaa akkamitti cimsanna?
  • Yeroo amma kana ummanni Oromoo rakkoo guddaan inni keessa jiru rakkoo gabrummaa jireenya isaa gaaffii keessa galchee jiru keessa. Lafinni qotee bulaa Oromoo heekitaara miliyoonotaan umna qaweetiin irra fudhatame maqaaa invatmentiitiin abbootii qabeenyaa Habashaafi kan biyya alaatiif kennama jira. Qoteebulaan Oromoo, miliyoonotaan lakkaa’amu Oromiyaa mararratti qee’ee isaarraa maatiif waatii isaa wajjin buqqa’aa jira; barattoonni karaa nagaa seeran ala umnaan babal’acuu Finfinneetiin bara 2014 waggaa har’aa mormaa turan kumaatamaan har’ayuu hiidhaa keessa jiru, dhibbatamaan ajjeefamni, dhibbatamaan dararamaa jiru. Umnoonni loltuufi tikaa Agazii kan tarkaanfii suukaneessaa barattoota, qoteebulaa, hojjettoota fayyaa, daldaltootafi hojjettoota biroorratti fudhate ammas seeratti otoo hindhiyaatiin dhiigini nama keenya bilaashumatti dhangal’aa jira. Caalmatti, mirga sabaa keenyaaf kan dubbataaa jiru numa. Biloogaroonni fi gaazexeessitoonni Habashaa Zone9 warra jedhamaniif State Department dabalatee jarmiyaa addunyaa baay’etu falmaafi jira.
    Garuu, dhibbatamaan ajjeefamnii kumaatamaan barattoota Oromoo hidhamaniif namoonni dhuunfaaf jaarmiyaaleen alaa dubbachaa jira yartuudha. Kuni kan nutti agarsiisu, tarii hojiin diplomaasiifi ijaarsi/gurmuun Oromoo laafaa ta’uusarra darbee waldhabbileen, walwaraansifi cichitummaan shorkessitoota gaanfa Afrikaatti waan baay’achaa jiruuf, mootummoonni Amerikaafi Awuroppaa waayyanee akka umna jeequmsaatti otoo hintaane akka umna nagaa eegidotaatti haal doggoraadhaan laalaa jiraachuudha. Yeroo amma jeequmsi gaanfa Afrikkaa biyyoota akka Summaaliyaa, Suudaan Kibbaafi Itoophiyummallee dabalatee deemaa jira. Jiddu-gala baa’aa keessas leelistummaan baay’achuun, biyyoonni baay’een biyya (state)diigamaa jiran ta’aa jiru. Tarsiimoon biyya alaa Ameerikaas ta’e kan, Awuroppaa, nagaa, dimokiraasfi kabajamuu mirga dhala namaa dura kan dhimmaniif tasggabbiin naannoo akka jiraatu. Biyyoonni lixaa haala kana keessatti, mootummaa Itoophiyaa akka qabsoo karaa nagaas ta’e hindhannoo akka hinkufine barbaadu.
    Nuyi amma umna jabaa Lixaan filatamuu danda’u taanee hinargaminetti, Lixini warra umna qaban wajjin akkuma barame itti fufu. Haala jeeqama gurguddaa jiddugalessa ba’aa kan akka Siiriyaa, Yeeman, Ayiisis faana walbira qabamee yoo laalamu rakkoo Oromoo akk rakkoo xiqqaa xiyyafannoon hinbarbaachisneetti namoonni yaadan alarra nijuru. Rakkoon keenya guddaa ta’uu isaa umna taanee isaan kan amansiifachuu qabu nuyi. Abbaan iyyatu ollaan namaa birmata. Hatiyyuu ilma dhadhabaa hinjaallattu. Gaaffii guddaan warri biyya Lixaa qaban: “Oromoon umna yoo ta’ee as bahe, fedhii keenya nuu guutaa?” kan jedhu. Kaanf, deebii qubsaa kennuun afaaniin qofa otoo hintaane umnaanis gurmaa’uuni. Umna gudda jiru yoo moote yookiin dhadhabsiiste, sun fedhii siin firoomuu biyyoota Lixaa olkaasa.
    Jaarmiyaalee addunyaafi naannoo (regional and international) kan akka Gamataa Aafrikaa (AU), Igaad, Mootumoota Walta’an (UN), mootumaa DC irree dabalatee Tigroonni malaan lixanii, seenanii fehdii ofii eegisuun gaaffiifi rakkoon Oromoo akka ukkamsamu taasisa jiru. Waa’ee Oromoo soba addunyaatti himuun Oromoon umna gadhee akka ta’e hololu. Kuni, immoo tarsiimoo adda addaafi akka itti alagaan waa’ee keenya yaadu garadabarsa. Kaayoon isaanii Oromoo addunyaarraa kutuun waa’een isaa akka hindhaga’mine gochuudha. Mootummaa ABT loobii ykn fedhii isaaf warra dubbatan doolaara miliyoona heedduu itti herreegee (baajaa baasee) kennee akka mootummaa dimokiraatawaa, misoomaafi mootummaa mirga dhala namaa eegutti bulchitoota Ameerikaa hanga Kongiresiitti sobee sobsifachaa jira. Fakkeenyaaf, dhiyoo kana Weendii Sheermaan, Isteet Dipartmentiitti Barreessituu Jalaa Dhimmoota Politikaa kan taate, Itoophiyaa deemuun filannoo Itoophiyaa bara kana ta’uuf deemu deeggarte, faarsitee dubbattee jirti. Odeeffannoon isheen argatte hundumtuu Mummucha Minsteera Aajaa Alaa Tweedroos Adnaahoomirraa dhufe. Weediin akkas jette:
    • Kaayyoowwan misoomaa hudumtuu galma ga’anii jiru.
    • Diingideen Itoophiyaa kan biyya Aafrikaa kamuu caalaa shaffisaan guddachaa jira.
    • Itoophiyaan biyya sirna dimokiraasii hordoftuufi filannoo geggeessuuf fuulduratti deemaa jirtu.
    Mootummaa Abbaairree mirgadhala namaa baay’eee dhiitaa jiru kana Weendii Sheermaan akkasitti faarsuun ishee doggora ta’uu isaa Jarmiyaaleen mirga dhala namaa muraasini Freedom House waliin walta’uun mormanii ibsa baasanii ture.
    Gama biraan, dhabbileen Oromoo akka ijaaramanii akka barbaadan mirga Oromoof hinsochoone biyya keessatti uggurri seeraa: Labsii Farra Shorkeessummaa, Seera Dhabbilee Miti-Mootummaa, seera odeeffanno 2005 boodde ba’aniin sakkallamaa jiru. Ummanni Oromoo qabeenya akka hinhoranneefi diinagideen dhadhabaa akka ta’u, ABT halkanii guyyaa irratti hojjechaa as ga’e waggaa 24 darabaniif. Kanaaf, rakkoon diinagidee nuti qabinu rakkoo cimaa dabalataati.
    Rakkoo ibsuurra baay’ee hinturu. Hundumti keenyayyuu rakkoo keenya nibeekina. Rakkoo furuurra rakkoo nutti himuu hojii godhatanii kana jiran jaarmiyaaleefi namtokkeeleen Oromoos heedduudha. Kuni dhabbachuu qaba. Oromoon furmaata barbaadu qaba. Rakkooleen jiran nan hinillaalatu jedhanii haaluun qabsoorraa baqachuun saba gudda miihda: haadhaafi obboleetti kee miidha, obbolessa keefi abbaa kee midha; firootafi matii kee midha; biyya miidha; Oromoiyaa miidha.
    UMMANNI OROMOO AKKAMITTI UMANA TA’UU DANDA’A? Furmaatota 6.
    I. Diinagideen ijaaramuu: Galii buusii buusisuurraa argachuu qofti gahaa miti. Ijaarsi daldalaa dhaabaafi qabsoof horii uumuu danda’au too’annaa dhabaa jalatti bakka baay’eetti ijaaramuun daldalarratti hojjechuu
    a. Oromoon biyya ambaa jiru taaksii ykn qaraxa lammummaa kaffaluuf dirqama ofirra kaa’uu qaba akkuma ummanni bilisummaaf lolan kuun baay’een godhan.
    b. Horii walitti buusuun investametii gara garaa keessa seenuun hojjechuu.
    c. Jaarmiyaalee diinagidee kan akka Oromo Chamber of Commerce MNtti dhaabbatee sana akka fakkeenyatti fudhatanii aadaa diingideen of danda’uu babal’isuu.
    d. Amma achi geenyutti gummachi akkuma duriitti itti fufuu qaba.
    e. Namini iddoo qabatee jiru, Oromoo hojidhabeeyyii hojii barabaade harkisuu/arguufi qaba.
    II. Jaarmiyaalee Hawaasaa (CSOs): akka haawaasa, akka dhabbilee mirgadhala namatti, akka falmitoota mirga Oromootti ijaaramuu. Wanti nama jajjabeessu karaa kana nijira: Hawaasa Oromoo USA, Haawaasa Oromoo Aawustraaliyaa. Gandummaa, naanummaa, amantummaafi ayyaanllallatummaan wantoota nu balleessan waan ta’aniif Oromummaa qofaan walitti haafiroominu/haaijaarminu. Murni tokko asii waa’ee Oromoo yoo mari’achuuf walga’u murni biraa immoo ykn foon waadduu (BBQ) ykn alatti nyaata bilchiissuun waldhadhabsiisuun aadaa gadheedha. Oromoon wantoota xixiqqoo darbaniif badan kan akka guyyaa dhaloota kabajuufaa akka kaayyoo jireenya isaanii godhanii jiraatan jiru. Kanarra ol goddachuu qabina.
    III. Dippilomaasii / Hojiin Sabaahimaalee Afaan Oromoo, Ingilizii fii kaniin jaabatee itti fufu qaba.
    • Horii loobii (lobby fund) baasuun mirga Oromoof falmuu.
    • Waa’ee siran cunqursaa ABT warra odeeffannoo doggoraa dabarsanirraati yaada sirreessu katabuun ibsa baasuu, oduu hojjechuu, saaxiluufi xalayaa barreessuu.
    • Beekitonni Oromoo kan barreessuufi dubbachuu danda’an, barreessuu isaanii kitaabafi waraqaarratti daanga’uu hinqabu. Teekinoolojiin jijjiramee jira; marsaa ykn sararratti katabuu; Sabaahimalee biyya keessa jiraniirraatti ilaalcha barreessuuf gumaachuu. Waan Oromoo caalmaatti akka hubatamaa deemu godha. Lolli karaa odeeffannoo nuyi goonus lola karaa umnaa bilisummaaf godhamu cimisee deeggara.
    IV. Kaayyoo Tokko Oromiyaa Takka: Moo’uu yoo barbaade ummanni Oromoo kaayyoo murnaa miliyoonota qabatee ka’ee waldiigurra, kaayyoo Oromiyaa bilisoomisuu jedhu tokko jala ta’ee hiriiree loluun, Oromoo umna lamuu hinmoo’atamine godha.
    • Walitti bu’iinis dhuunfaa hoggantoota muraasa jidduutti gaafa uumamu furuxanii (mufatanii) ba’uun waldiigurra keessuma taa’anii aadaa rakkoo furuu qabaachuu/horachuu. Namoonni lama dhuunfaan yoo waliigaluu dadhaban, wal-lola isaanii gandaafii amantiitti babal’isuun deeggartoota (tiifoozoo) barbaaduun qaaneessaadha; Oromummaa miidha. Hoggantoonnis yeroodhaa gara yerootti haala dhaaba xinxalanii, gilgaalanii, qaaccessanii rakkoon otoo hindhooyin dura rakkoo hambisuuf haala ragaan (data) deeggarameen hojii hojjechuu.
    V. Odeeffannoon Umna: Odeeffannoo ummataa (banaa), odeeffannoo iccitii ta’e kkf namoota guuranii xiinxalan addatti dirqama itti kennuun hojjechiisuun murtee odeeffannoorratti hundaa’e akka dabarsinu nu taasisa. Yeroo hundumaa Oromoon odeeffannoon dursee argamuu qaba.
    VI. Araara Sobaa: Mootummoonnifi hayyoonni Habashaa Oromoo waliin araara dhugaa hinbarbaadani; araarri yeroo ka’u, gooyyomisanii nama keenya umna dhabee hidhannoo akka hiikatu taasisuufi. Duuba deebinee galmee seenaa yoo laalle fakkeenyi akkasii baay’eedha. Otoo omaa ofharkaa hinqabaatin, kolnooffetaan karaa nagaa aangoo, horiifi maqaa gaarii namaa kennu lafa kanarratti argamee hinbeeku. Warri balleessaa kaleerraa baruu dadhaban ammas ibbidda jaraatin deebi’anii of gubuufi ummata Oromoo gubuuf gugguufaa jiru; Mammaakisa, “ Kana abiddatu na gube, kana oo? Abiddumatu na gube. Isa duraa agartee lammaffaa maaf of gubide jedhu” ergaa isaa hinhubatani.
    Daawwannaan koo kanan armaan olitti tarreesse Oromoo umna gochuurratti gahee guddaa qabu jedheen amana.
    Habashaan gootummaadha moo beekumsaan Oromoo caalteet nu koloneeffattee nu fixaa jirti?
    Habashaan jaarraa 16ffaarraa hanga jaarraa 19ffaatti Minilikiin koloneeffatamuu Oromootti, Oromoon umna gaanfa Aafrikaa guddaa ture. Naannoo sana too’atee bulchaa akka ture seenaan nihima. Garuu, Oromoon kan cabe deeggarsa qawweefi raasasaa baay’ee mootonni Habashaa biyyoota Awurooppaarraa argataniin ture. Oromoon farda, gaachanaafi eeboon lolu, umna akka isaa otoo hintaane umna meesha waraan gurguddaa akka maaskeet, reemingtan, maachilaak jedhamiin walitti dhufe. Meeshaalee fagootti ajjeesuu dandeessisan. Lola aadaa Oromoo akka cabsuu hindadeenye waan beekaniif erga waraana Amhmed Giraanyirraa jalqabee, mootummaan Poorchuugaal irraa maaqaa kiristaanummaatiin mootota Habashaaf qawwee kenna turan. Amma immoo maqaa shororkeessummaan qawwee, taankii, ilaaltuu halkanii, saataliytii, drioonii, xiyyaara waraana, konkolaattota waraana, leenjii loltummaa kkf biyya akka Amerikaarraa fudhachaa jiru. Meeshaa nu caalaafi nudursanii argachuun isaa umni akka walgatu taasisee mootummoota Habashaa nurraatti rorrisiise jaarraa heedduuf. Furmaanni umana ta’uu inni guddaan meeshaaleee lolaa ammayyaa walitti qabachuurratti jara caluun hojjechuu qabina. Soodattonni Habashaa kumatti lakkaa’aman walitti ida’amee gootummaan isaanii kan walakkaa goota Oromoo tokkoo hinta’u. Sodaattonni kuni qaawee duuba taa’uun/dhokachuun gootota keenya meeshalee aadaa gadaanoon lolan baay’ee nu jalaa ajjeesani.
    GOOTUMMAA MADAQOOFI WARAANA ISAARRAA MAAL BARANNA?
    Sin keessa eenyutu waa’ee goota Oromoo Madaqoo beeka?
    Madqaoon Goota Oromoo gootummaa addaa qabu ta’uu barreessaan Ingilizii Wiiliyaam Kornaweelis Haariis (1846) boqonaalee kitaabaa torba irratti barreessee nutti hima. Madaqoon bara 1840s keessa jiddugaleessa Oromiyaa keessa goota jiraate. Madaqoon 1840s keessaa ummata isaa akka sirna lolaa Sirna Gadaatti gurmeessuun hooggansa laacuufiin, waraana Abisiniyaa kan akaakayyuu Minilik Sahila Sillaseen hogganamu marroo baay’ee injifannoo cululuqaa galmeessuun goota Sahila Silasee qofti sodaatu otoo hintaane goota biyya Amaara marti sodaatu ture. Maqaan isaa yoo dhahamu qileetti dammaqanii badu ture, nidhokatu ykn qawwee fudhatan. Madaqoon iddoo lolaa Aangoololaa jedhamurratti loltoota mootii Sahila Sillasee wajjin falmaa walqabee (waraana banee) injifannoo gootummaa dangaa hinqabineen diina barbadeessaa akka ture Haariis bal’isee kataba. Madaqoon fincilaa ture (Madako the Rebel); madaqoon hogganaa cimaa ture; Madaqoon ummata isaatiin jaallatamaafi kabajamaa ture. Dubartoota gootota ta’anillee waraana keessatti hirmaachisee ture. Goota yeroo saa dura dhalatee yeroo saa dura darbe. Ilma isaa Carraa wajjin jaala waraana/qabsoo turan; waliin lolani; waliin du’ani.
    “Madoko and his gallant sons were everywhere in the thickest of the fight. His shout, rising high over the storm, animated the faint-hearted, and his presence roused to new life and exertion the successful partisan … Madoko performed the most incredible act of valor …” (Harris p. 162).
    Waraanni Sahila Silaasee gootumma jagna Oromoo kanaan shorokaa’ee dhokachaafi baqachaa ture kan dandamate gargaarsa qawwee maachlookifi maaskeet Inglizii Giiftii Viktooriyaarra argaachaa tureeni. Habashoonni, maadaafafi qaawwee kennameefillee akkatti dhokaasan hinbeekani Oromoo marsee isaan fixaa ture, garuu shaklaa dheeraa booddee qawwee dhukaasuu barani. Madaqoon akkmitti kufe?: shira aararaa buusantiin gooyyomisame, meeshaa ammayyaan lola baay’ee erga moo’atee booda kufuu danda’e.Gootummaa qofti hinga’u; meeshaa lolaa ammayyaa qabachuunifi irratti leenji’uun gootonni ittuu/caalatti akka milkaa’an taasia. Erga Madaqoon wareegamee booda, soodattonni mootii Sahila Silaasee duula haaloo ba’uu 86 ol ta’u Oromorratti wagga soddomaaf deemisani qaawweetti dhimmi ba’uuni ture. Duguuggaa sanyii qoomolee Oromoo Finfinnii, Ekkaa, Sirxee urfua Garmaama Tulluu Cuqqaalaa, Furiifi Inxoxxoo (Tuulluu Dalatti) gidduu jiran hunduma lafarraa fixani, ijoollee mukarra dhokatte in jjeesani, dubartootafi ijoollee garbrummatti qabatanii deemani, beeyladoota Oromoo kumatama hooffatani hatan, qee’eefi manneen, midhaan faca’ee ture nigubani. Eegaa motumoonni Habashaa hundumtuu Oromorratti tarsiimoon/sagantaan qaban kan Saahila Silaseefi kan Minilik wajjin walfakkaat, tokkuma. Mallas Zeeanwwinis isaan caala Oromoo yoo ficcisiise malee isanii gadii miti.

    YAADOTA GOOLABAA
    Maaltu nu baasa? Habashaan qaawweefi meeshaa ammayyaa duuba dhokachuun (fayyadamuun) ummata keenya fixaa as geese. Umna akksitti hidhatee jiruun meeshalee aadaatiin lollee moonaan gowwummaa dangaa hinqabine. Kanaafuu, teekinoljii waraanaa haaraa ummanni keenya akka itti argatee diinota isaa gootummaan gurmaa’ee itti ofirraa ittisurratti hojjechuun dirqama Adda Bilisummaa Oromoo qofa otoo hintaane dirqama lammii Oromiyaa kan dhiitamuun Oromoo na quuqa jedhee yaadu maraati. Itti dabaluunis ummanni keenya meeshaa waraana isaa kan akka qawwee fi rasaasaa ofiif naannoosarratti akka oomishu barsiisufi gurmessuudha.
    Qabsoon Bilisummaa Oromoon geeggeessu bifa hundumaanuu jabaachuu qaba: waraana, dipolomaasii, diinagidee, odeeffannoofi sabaahimaleen. Oromoon biiyya ambaa jiran kan gandummaa, amantummaafi ayyaanlaalattummaan ummata addaan qooduun yeroo isaanii waan gadi-aanaa yaaduun balleessan gara qaroomina ammayyatti koottaa wanti sin gochaa jirtan bu’aa hinqabu jenna. Suumaaliyaa guddittii kan caccabise gandummaadha. Daaysporaan waldura dhaabbatee jiru fageessee yaadu qaba ummata keenya biyya jiru dhumaatiirraa akka of baraaru jajjabeessuuf.
    Wanta hundmaa dura umna ta’uutu dursa. Mootumoota alaan dhaga’uuf, ABTn sodaattamuuf, mirga abbaabiyyummaa deeffachuuf umni murteessadha. Fallaa kaanaa warri sitti himan inkijibu ykn siyaasini addunyaa kanaa hingalleefi. Otoo omaa ofi harkaa hinqabine warri Itoophiyummaa fudhannee araara buusina jedhan kaayyoo Oromoon biliummaaf qabu dantaa dhunfaaf warra guguruuf dhaabbatani. Umni yoo jiraate Oromon waan barbaadu ofii isaarra iyyuu darabee ummatoota koloneeffatamanii impaayeratti keessa jiranfi, olloota keenya kan Ganfa Aafrikaafis nita’a. Firas umna yoo qabaatan qofa horatu malee yeroo dadhabaafi diigamaa taate eennutu sitti siqa?
    Na dhaggeeffachuu keessaniif galatoomaa.
    Injifannoon Ummata Oromoof!
    Oromiyaan ni bilisoomiti!
    Odeeffannoon umna!
    Haasaan armaan olitti dubbistan haasa Qeerransoo Biyyaa Guuyyaa Gootota Oromoo Konyaa ABO Washington DC tiin qophaa’e kan Caamsaa 16, 2015 Silver Spring, Maryland, Hooteela Double Tree by Hiltonitti ta’e. Saa’aatiin sagantichaa 6:00 w.b.-11:00 wb. Dubattoonni sagantaa kanarratti himaatan gurguddoon: Jaal Daawuud Ibsaa, Jaal Dhugaasaa Bakakkoo, Jaal Abbaa Caalaa Lataa fi Jaal Qeerransoo Biyyaati.
    – OromoPress

No comments:

Post a Comment